●Social Midea Itti fayyadami male sitti hin fayyadamin
★ Yeroo kee sirnaan fayyadami
★ Sooshaal miidiyaa irrattis tahe iddoo hundatti namoota Negetive tahan irraa fagaadhu.
★ Yeroo mara gaafa hirriba dammaqtu ‘nan danda’a’ jedhii of amansiisi.
★ Jireenya keessa gufuun fi rakkoon akka baayyatu sammuu keetitti himi.
★ Wantootni faallaan yoo si mudatan malee milkaa’inni guddaan akka hin jirre beeki.
★ Jireenya kee keessatti taatee darbe hunda irraa baradhu malee itti hin gaabbin.
★ Rakkina si mudatu dandeettii kee faana akka madaalutti hojjedhu. Kanas gargaarsa namaa utuu hin gaafannetti.
★ Namoota jaallachuun hiriyoomfachuu aadaa godhadhu.
Kana hunda kan gootu ofitti amanamummaa gahaa waliin tahuu qaba.